Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaa gamaggama raawwii hojii qulqullina bunaa irratti kallattii hojii yeroo itti aanu kennan.
Bu'uuruma kanaan, hojiin omisha bunaa saayinsiifi teeknoloojiidhaan yoo hin deeggaramne gabaa addunyaa wajjiin dorgomaa ta'uu kan hin danda'amne ta'uu kaasuun, hojii misooma bunaa saayinsiidhaan deeggaramuu akka qabu eeran.
Oromiyaatti omishtummaafi qulqullinni bunaa dabalaa dhufuus hanga barbaadamu akka hin taane kaasun, hojiile oomishtummaa bunaa dabaluufi qulqullina bunaa irratti hojjetamaniifi fakkeenyummaa qaban, godinaaleen buna omishan hundi haala wal fakkaataa ta'een babal'isuun bu'aan argamu caalatti akka dabaluu qabu Pirezidaanti Shimallis hubachiisaniiru.
Ittidabaluunis, hoggansifi caasan sadarkaa sadarkaan jiru kallattii qulqullina bunaarratti hojjetamuuf qabu kennamu osoo hin harcaasiin hojiirra oolchuuf xiyyeeffannaa olaanaan hojjechuu akka qabu eeranii jiru. Akkasumas, hojii eksteenshinii funcaa bunaa dhaabuudhaa hanga gabaatti jiru hoggansiifi qonnaan bulaan leenjii'uu akka qabuufi pooteenshaala jiru fayyadamuun humna dinagdee biyyaa utubu horachuuf hojjetamuu akka qabuus kallattiin kennameera.
Pirezidaanti Shimallis gama biraatiin, bara dhufu Oromiyaan buna toonii kuma dhibba 6fi kuma 50 gabaa giddu galeessaaf dhiheessuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu himun, makaanaayizeeshiniin bunaa hojiirra akka ooluufi daldalda seeraan alaa ittisuurrattis akka hojjatamuu qabus eeran.
Kanaafis, iddoo gurgurtaa bunaa haaraan banamuu akka qabuufi abbootii qabeenyaa bunarratti hojjetaniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa kallattii hundaan kan jajjabeessu ta'uus dhaamanii jiru.